Fana: At a Speed of Life!

Irreechi Fulbaana 25 fi 26 kabajama

Finfinnee, Fulbaana 16, 2017(FBC)-Ayyaanni Irreechaa kan bara 2017 Fulbaana 25 fi 26 kan kabajamu ta’uu Gamtaan Abbootii Gadaa beeksisaniiru.

Gamtaan Abbootii Gadaa ibsa miidiyaaleef kennaniin Irreechi baranaa Fulbaana 25 Hora Finfinneetti, Fulbaana 26 ammoo Bishooftuu Harsadeetti Oromoon sabaa fi sablammoota biyyattii biroo waliin ta’uun akka kabaju eeraniiru.

Irreechi bara kana naannoolee adda addaatis kan kabajamu ta’uu fi lammiileen hunduu dammaqinaan akka hirmaatanis dhaamameera.

Ayyaanni Irreechaa duudhaa isaa karaa eeggateen akka kabajamu akeekanii nageenyaa fi galateeffannaaf dursa kennuun barbaachisaa ta’uu dhaaman.

Irreecha sirna irreeffannaa fi aadaa isaa eeggatee gaggeeffamu akka qabu hubachiisanii, hirmaattonni sirnichaas safuu fi duudhaa kabaja ayyaanichaa eeguun, akkataa Abbootiin Gadaa akeekaniin raawwachuu akka qaban akeekaniiru.

Gamtichi irreechi barana nagaan akka kabajamuuf hunduu gahee isaa bahachuu akka qabu dhaamuun lammiileen biyyaa keessaa fi alaa jiraataniif ergaa bagaa geessanii fi hawwii garii qabuu ibseera.

Baayiluu Baaneetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.