Fana: At a Speed of Life!

Irreechi bakka Uumaaf galata itti galchan malee bakka ajandaa siyaasaa itti gaggeessan miti-Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa

Finfinnee, Fulbaana 12, 2015 (FBC) – Irreechi bakka Uumaaf galata itti galchan malee bakka ajandaa siyaasaa itti gaggeessan miti jechuun Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa ibse.

Ayyaanni Irreechaa bara kanaa mata duree ‘Irreechi mallattoo nageenyaa fi kabajaati’ jedhuun kabajama.

Hogganaa Biiroo Aadaa fi Tuuriziimii Oromiyaa Obbo Huseen kabaja ayyaana Irreechaa bara kanaa ilaalchisuun ibsa miidiyaaleef kennaniiru.

Irreecha bara kanaa yeroo kabajnu qormaataafi dhiibbaawwan keessaa fi alaa keessa teenyee rakkoowwan kanneen ammoo injifannoon irra aanneeti jedhan.

Dabalataanis Obbo Huseen uummatni hundinuu kabaja ayyaanaaf wayita gara giddu galeessa biyyaatti imalu nageenya isaa eeggatee nagaan bahee akka galuuf qaamolee nageenyaa waliin hojii bal’aan hojjetamaa jira jedhaniiru.

Irreechi bakka ajandaa siyaasaa itti faarsan osoo hin taane bakka itti waliin uumaa galateeffatan waan taheef kabaja ayyaanichaaf kan imalu hundinuu kana yaadachuu qabas jedhan.

Kabaja ayyaana Irreechaa kana ilaalchisees baazaariifi Egiziibishiniin akkasumas agarsiisni aadaa Oromoo garaagaraa ni gaggeeffama jedhaniiru.

Yaaddessaa Geetaachootu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.