Fana: At a Speed of Life!

Irreechi ayyaana waloomaa fi tokkummaa cimsuuf humna qabuudha-M/N/Amaaraa

Finfinnee, Fulbaana 24, 2017 (FBC)- Irreechi ayyaana waloomaa fi tokkummaa cimsuuf humna qabuudha jechuun Mootummaan Naannoo Amaaraa ibse.

Mootummaan Naannichaa Irreecha ilaalchisuun ummataa Oromoo maraaf ergaa baga ittiin isin gahee dabarseera.

Ergaa isaan ayyaanonni garaagaraa jijjiiramuu baraa hordofee addabaabayiitti kabajamaa har’a ga’uu yaadachiiseera.

Ayyaanota kanneen keessaa tokko Oromoo biratti haala hoo’aa ta’een kan kabajamuu fi ibsituu eenyummaa isaa kan ta’e Ayyaana Irreechaa ta’uu eereera.

Mallattoo nagaa fi tokkummaa kan ta’e Ayyaanni Irreechaa, guyyaa Oromoon Waaqa isa galateeffatuudha jedheera.

Kana caalaas ayyaana waloomaa fi tokkummaa cimsuuf humna qabu ta’uu ibsuun, ayyaanichi Ummata Oromoof kan nagaa, jaalalaa fi badhaadhinaa akka ta’u hawwii gaarii qabu ibseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.