Fana: At a Speed of Life!

Irreecha UNESCO’tti galmeessuuf ni hojjetama-BATO

Finfinnee, Fulbaana 18, 2017 (FBC)-Irreechi ibsitu Sirna Gadaa keessa tokko waan ta’eef fuulduratti Dhaabbata Barnoota, Saayinsii fi Aadaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti galmeessuuf kan hojjetamu ta’uu Biroon Aadaa fi Tuuriizimii Oromiyaa beeksise.

Irreecha ilaalchisee waltajjiin leenjii qophii fi hubannoo Ogeeyyii Miidiyaaf mata duree ”Irreecha Haaromsa Aadaa keenyaaf” jedhuun gaggeeffamaa jira.

Waltajjicharratti Hoggantuun Biiroo Aadaafi Tuuriizimii Oromiyaa Aadde Jamiilaa Simbiruu hawaasaa taasisaniin, dameewwan utubaa diinagdee biyyattii keessatti eeraman keessatti Irreechi gumaacha akka taasisuu hojjechuun murteesaadha jedhan.

Ayyaanni Irreechaa tokkumaa fi obbolummaa cimsuuf gumacha olaanaa akka qabu kaasanii, qabeenyaa Aadaa kana hojii beeksisuu, qindeessanii dhalootaaf ol kaa’uuf gaheen miidiyaa olaanaadha jedhan.

Maalummaa irreechaa, waa’ee irreechaa hawaasni akka hubatu taasisuuf gaheen qaban murteesaa ta’uu dubbataniiru.

Irreechi walitti hidhamiinsa Sirna Gadaa waliin kan qabuu fi akkuma Sirna Gadaa UNESCO’tti galmeessuuf kan hojjetamu ta’uu Aadde Jamiilaan himaniiru.

Mootummaan xiyyeeffannaa eenyummaa, Aadaa, seenaaf kenneen, cabiinsa duraanii wal’aanuuf akka gumaachu kan hojjetamuudha jedhaniiru.

Miidiyaaleenis ayyaanichi qabeenya biyyaa ta’uutti dabalataan hambaa Addunyaa akka ta’u beeksisuu, barsiisuu fi hubachiisuuf hirmaannaa cimaa taasisuu akka qaban dhaamaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.