Fana: At a Speed of Life!

Irreecha kunuunsuun dhalootatti dabarsuun gahee hundaati-Obbo Xilaahuun Kabbadaa

Finfinnee, Fulbaana 24, 2017 (FBC)- Ayyaana Irreechaa kunuunsuun duudhaa fi sonaa isaa tursiisuun dhalootaaf ceesisuun itti gaafatama hunda keenyaati jedhan Pireezidaantiin Naannoo Kibba Itiyoophiyaa Obbo Xilaahuun Kabbadaan.

Obbo Xilaahuun Kabbadaan ayyaana galateeffannaa, nagaa fi tokkummaa kan ta’e Irreecha baga geessan jechuun ergaa dabarsaniiru.

Calaqqee Sirna Gadaa kan ta’e irreecha aadaa, amantaa fi eenyummaa Oromoo keessatti bakka olaanaa akka qabu kaasanii tokkummaa fi jalalaan miidhaginaa addaan ayyaana kabajamu ta’uu dubbatan.

Duudhaafi sona Irreecha mallattoo nagaa, araaraa fi abdii ta’e guutummaatti kunuunsuun dhalootaaf dabarsuun itti gaafatama hundaa ta’uu hubachiisaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.