Fana: At a Speed of Life!

Irreecha Hora Harsadee tokkummaa barameen haa kabajnu-A/G/ Goobana Hoolaa

Finfinnee, Fulbaana 21, 2015 (FBC) – Ayyaana Irreechaa Hora Harsadee boruu tokkummaa barameen akka kabajamu Abbaan gadaa Tuulamaa Goobana Hoolaa dhaaman.

Abbaa Gadaa Goobana Hoolaa ibsa miidiyaaleef kennaniin, sirni Irreeffannaa Hora Finfinnee karaa duudhaa isaa eeggateen milkiin raawwatamuu himan.

Dhiibbaa yeroo dheeraatiin irreechi Hora Finfinnee dhiibamaa turuu kan himan Abbaan Gadaa Goobana Hoolaa qabsoo wareegama gaafateen bakkatti deebi’aa jiraachuu ibsaniiru.

Irreecha Hora Finfinnee Marsaawwan afuran darbaniif irreeffatameen Oromoon uummata nagaa jaallatu tahuu isaa kan itti mul’ate tahuu himanii, kan baranaas tokkummaan, jaalalaa fi duudhaa Oromoo calaqqisiisuun milkiin xumurameera jedhaiiru.

Irreecha Hora Harsadee Borii kabajamu irrattis tokkummaa barameen akka kabajatu Abbaan gadaa Goobana Hoolaa dhaamaniiru.

Uummata Oromoo maqaa balleessuufi Irreechi nagaan akka hinkabajamne gochuuf qaamoleen hedduun socha’aa turaniiru kan jedhan ammo Hogganaa Biiroo Aadaafi Turiizimii Oromiyaa Obbo Huseen Fayyisoo, qindoomina qaamolee nageenyaafi uummata Magaalaa Finfinneen qolachuun danda’ameera jedhan.

Irreecha Hora Finfinnees uummanni Oromoo nagaa kan jaallatu, duudhaa isaa kan jaallatuufi waliin yoo ayyaaneessuufi tokkoo gaafa tahu kan miidhagu tahuun mul’ateera jedhan.

Sabaafi sablammoota Irreecha Finfinneerratti hirmaatanirraas Oromoo ummata Ityoophiyaaf fakkeenya jaalalaa tahuu isaa agarsiisuu hubanneera jedhan Obbo Huseen

Irreecha Hora Harsadee boru Bishooftuutti kabajamuus tokkuummaafi jaalalli mul’isuun kabajamee akka xumuramuuf hundu gahee isaa akka bahatu waamicha dhiyeessaniiru.

Kantiibaan Magaalaa Bishooftuu Obbo Alamaayyoo Asaffaan gama isaaniin Bishooftuun keessummootashee simachaa jiraachuu himaniiru.

Akkuma Hora Finfinnee,karaa duudhaa isaa eeggateefi nagaan akka xumuramuuf qophii barbaachisaa taasifameera jedhan.

Yidineqaachoo H/Maariyaamtu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.