Fana: At a Speed of Life!

Irreecha hambaa kiliyaa addunyaarratti galmeessisuuf hojjetamaa jira- obbo Kabbadaa

Finfinnee, Fulbaana 21, 2013 (FBC) – Biiroon Aadaa fi Tuuriizmimii Oromiyaa Irreecha hambaa kiliyaa addunyaa gochuun galmeessisuuf hojjechaa jiraachuu beeksise.
 
Kana dhugoomsuufis qorannoowwanii fi qo’annoowwan gaggeeffamaa turan gabbataa kan jiran yoo ta’u, fooramiin idil addunyaatis ni qophaa’a jedhameera.
 
Waltajjichaan sirna Gadaa fi Irreecha beeksisuuf ni hojjetama jedhan hogganaan biirichaa obbo Kabbadaa Deesisaan.
 
Biiroon Aadaa fi Tuuriizmimii Oromiyaa bara itti aanutti fooramii Irreechaa sadarkaa idil addunyaatti kan qopheessu ta’uus beeksisaniiru.
 
Fooramiin kun sirna Gadaa Dhaabbata Barnoota, Saayinsii fi Aadaa; Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitin galmaa’e caalmaatti beeksisuu fi ayyaana Irreechaa galmeessisuuf gargaaras jedhan.
 
Fooramiin Irreecha Birraa 2013; marsaa 2ffaan booru magaalaa Finfinnee Hooteela Sharaatanitti bakka hirmaattonni 250 ta’an argamanitti kan gaggeeffamu ta’a.
 
Saganticharrattis qorannoo fi qo’annoon ayyaana Irreechaa ilaallatu hayyootan ni dhiyaata.
 
Biiroo Barnoota Oromiyaa waliin ta’uudhan sirni Gadaa sadarkaa barnoota 1ffaatti akka baratamu qophiin kan taasifame yoo ta’uu, kun sirnichi dhalootan akka latu taasisaan ibsan.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.