Fana: At a Speed of Life!

Irra jireessa Naannoo Amaaraatti nageenyi mirkanaa’aa jiraachuun ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 3, 2016 (FBC)- Darbee darbee bakkoota tokko tokkotti rakkoolee nageenyaa mudatanirraan kan hafe naannoo Amaaraatti nageenyi mirkanaa’aa jiraachuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksise.

Tajaajilichi ibsa haala yeroorratti miidiyaaleef kenneen akka beeksisetti, naannichatti caasaan mootummaa cimaan hanga sadarkaa gadiitti diriirfamaa jiraachuu fi naannawaalee hedduutti nageenya mul’ate mirkaneessuuf xiyyeeffannaan kennameera.

Darbee darbee naannawaa tokko tokkotti rakkoolee nageenyaa, addaan ciccitiinsi geejjibaa, dhaabbileen tajaajilaa, tajaajila kennuu dhaabuu mul’aturraan kan hafes, irra jireessa naannichaatti nageenyi mirkanaa’aa jiraachuu kaasaniiru.

Dhaabbilee tajaajilaa gara hojiitti deebisuu fi galteen cimsuu, xiyyeefannaan hojjetama akka jiru eeruun, naannicha guutummaatti gara nageenyaatti deebisuuf tattaaffii taasifamuun hawaasni tumsa isaa argisiisaa jiraachuu himaniiru.

Naannawaalee rakkoon mudatanittis Raayyaa Ittisaa Biyyaa waliin ta’uun deebiin hatattamaa kennamaa akka jiru fi mariin ummataa bal’inaan gaggeeffamaa akka jiru Ministir Deetaan tajaajilichaa Salaamaawit Kaasaan ibsa kennaniin beeksisaniiru.

Hawasni naannichaa nageenyi akka mirkanaa’uuf tumsa taasisaa jiru cimsee akka itti fufus waamicha dhiyeessaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.