Fana: At a Speed of Life!

Iraanitti sababa qorra olaanaa fi hanqina humnaa mudateen Biiroolee fi Manneen Barnootaa cufaman

Finfinnee, Mudde 6, 2017 (FMC) – Kutaalee Iraan hedduutti sababa haala Qilleensaa daraan Qorraa fi hanqina humnaa mudateen Biiroolee fi Manneen Barnootaa cufamuu gabaafame.

Iraan biyya madda anniisaa olaanaa qabdu yoo taatu, kuufama Gaazii Uumamaan Addunyaa sadarkaa 3ffaarratti argamti.

Yaa ta’uutii torbeewwan darban hanqinni boba’aa cimaa ta’e ishee mudachuu hordofee Dhiyeessa humna elektirikaarra dhorka kaa’uu eerameera.

Magaalaa guddoo biyyattii Teehiraan dabalatee kutaalee biyyatti adda addaatti sababa qilleensi daraan Qorraa ta’e mudatee fi fayyadama Boba’aa to’achuuf jecha Manneen Barnootaa fi Dhaabbileen Tajaajilaa cufamuu AFP gabaaseera.

#Oromiyaa #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.