Fana: At a Speed of Life!

Iraan Misaa’ela fageenya dheeraa haaraa ifoomsite

Finfinnee, Gurraandhala 2, 2014 (FBC) – Iraan Misaa’ela fageenya dheeraa imalu haaraa Keeyibaar Sheeyikaan jedhamu  ifoomsuu beeksifte.

Misaa’elichi bakka ajajaa olaanaan humna waraanaa biyyattii Meejer Jeneraal Mahaammad Baagaarii fi hoggantoonni humna waraanaa biyyattii biroon argamanitti ifoomuu ibsameera.

Miisaa’elichi proojektiiwwan miisaa’elii fageenya dheeraa Iraan keessaa tokko ta’uu fi miisaa’eliiwwan fageenya dheeraa biyyoonni lixaa ifoomsan waliin kan wal madaalu ta’uu eerameera.

Qoqqobbii Ameerikaan yeroo yeroon Iraanirra keessu hordofee biyyattiin humna waraanaashee yeroo gara yerootti guddisaa dhufuu ibsamera.

Biyyattiin waggoottan darbanitti dandeettii ittisaashee agarsiisuuf shaakalawwan humna waraanaa garaagaraa taasisaa turuu fi meeshaalee waraanaa qabdu uummataa ifoomsaa turteetti.

Maddi:- RT

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.