Fana: At a Speed of Life!

Iraan kaadhimamtoota Pireezidaantummaaf dorgoman ifoomsite

Finfinnee, Waxabajjii 2, 2016 (FBC)- Ministeerri Dhimma Biyya keessaa Iraan kaadhimamtoota Pireezidaantummaa biyyattiif dorgoman ifoomseera.

Ministeerichi filannoo Pireezidaantummaa baatii kana gaggeeffamuuf kanneen dorgoman kaadhimamtoota xumuraa ja’a ifoomsuun gabaafameera.

Filannichi dhiyeenya Pireezidaantii duraanii biyyattii Ibiraahiim Raayis balaa Heelikooftaraa mudateen lubbuun darbuu hordofee Pireezidaantii haaraa filachuun waan baarbaachiseef kan gaggeeffamu ta’uun eerameera.

Kaadhimamtoota Pireezidaantummaaf dorgoman keessaa Pireezidaantii Ittaanaa ta’uun kan tajaajilaa jiran Amirhooseeyiin Qaziizaadeeh Haashiimiiniin dabalatee hoggantoota sadarkaa hoggansaa garaagaraan tajaajilaa jiran ta’uu RT’n gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.