Fana: At a Speed of Life!

Iraan Giddugala Naannawaa Gaazaa ijaaruu akka barbaaddu ibsite

Finfinnee, Onkololeessa 19, 2016 (FBC)-Iraan Giddugalaa Naannawaa Gaazaa ijaaruu akka barbaduu ibsiteetti.

Itti Aanaan Pireezidaantii Biyyattii Mohammad Mokbaar wabeeffachuun ‘Faris News’ akka gabaasetti nageenya humna Teehaar mirkanneessuuf Dhaabbata Tumsaa Shaangaayitti Giddugala Naannawaa Gaazaa ijaaruuf yaada qabaachuun ibsameera.

Iraan Biyyoota Miseensota Aardichaa waliin ta’uun giddugalaa Naannawaa Gaazaa ijaaruuf, tumsa naannawaa cimsuu fi gabaa idil addunyaa keessatti hirmannaa qabdu guddisuuf akka ta’e ibsaniiru.

Walga’ii Dhaabbata Tumsaa Shaangayirratti hasaawa taasisaniin, tarkaanfiin Teehaar biyyoonni miseensoota waljijjiraa annisaa akka taasiisaniif kan deeggaru ta’uu dubbataniiru.

Itti Aanaan Pireezidaantii Iraan dhimmichaan walqabatee biyyoota fedhii qabaniif Faandii maddisiisuuf fedhii akka qabdu kaasaniiru.

Giddugalli Dhaabbata Tumsaa Shaangaayitti ijaaramu kun, daldala anniisaa biyyoota naannawichaa guddisuu keessatti gahee qabaachuu RT’n gabaaseera.

Dhaabbanni Tumsaa Shaangaayi bara Faranjoota 1990’tti kan hundeeffame yoo ta’u Iraan dabalatee, Chaayinaa, Kazaakistaan, Kiraagiztaan, Raashiyaa, Hindi, Paakistaanii, Uzbeekistaanii fi Taajiikistaan miseensa ta’uun eeraameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.