Fana: At a Speed of Life!

Iraan fi Raashiyaan bittaa boba’aaf waliigaltee Doolara biiliyoona 6.5 mallatteessan

Finfinnee, Onkololeessa 23, 2015 (FBC) – Iraan fi Raashiyaan bittaa boba’aaf kan oolu waliigaltee Dolaara biiliyoona 6.5 mallatteessuun gabaafame.

Angaa’a Olaanaan Iraan akka beeksisanitti Iraan bittaa boba’aa dhabbataa omishaa boba’aa guddicha Raashiyaa ‘Gaazpiroom’ irra bituuf waliigaltee Dolaara biiliyoona 6.5 mallatteessuu dubbataniiru.

Ministir Deetaan Dippiloomaasii Dinagdee Ministeera Dhimma Alaa Iraan Mahiidii Safrii akka ibsanitti waliigalteen bittaan gaazii kun qaama waliigaltee Doolaaraa biiliyoona 40 baatii Adoolessaa mallatteeffameeti.

Waliigaltechi bu’uuraalee misooma boba’aa walta’iinsaan hojjachuu fi gurgurtaa fi bittaa boba’aa raawwachuuf kan dandesisuu ta’uun kan yaadatamuudha.

Iraan Raashiyaatti aantee Addunyaarraa biyya kuufama boba’aa gaazii olaanaa qabdu ta’uu Press Tv’n gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.