Fana: At a Speed of Life!

Iraan Ajjeechaa Jeneraal Qaasiim Sulayimaaniin walqabatee beenyaa Doolaara biiliyoona 50 gaaffatte

Finfinnee, Sadaasa 27, 2016 (FBC) – Iraan Ajjeechaa Jeneraal Qaasiim Sulayimaaniin walqabatee Ameerikaa fi namoota dhuunfaa biroo beenyaa Doolaara biiliyoona 50 gaaffatte.

Manni Murtii Iraan Ameerikaa fi namoonni dhuunfaa biroon ajjeechicha keessaa harka qaban jechuun shakke beenyaa Doolaara biiliyoona 50 akka kaffalan gaafateera.

Ajajaa farra Shororkeessummaa Iraan kan turan Leetanaal Jeneraal Qaasiim Sulayimaaniin waggaa 3 dura Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Baagdaaditti xiyyaara nama maleessaan ajjeeffamuun kan yaadatamuudha.

Ministeerri Haqaa Teehiraan Ameerikaa dabalatee namoota dhuunfaa hedduu ajjeechaa jeneraalichaan shakkaman 42 irratti murtee kenneera.

Pireezidaantiin Duraanii Ameerikaa Doonaald Tiraamp, Ministirri Ministeera Dhimma Alaa duraanii Ameerikaan Maayik Poompiyoon, Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisaa Maark Ispeer, Iraaniitti ergamaan Addaa Duraanii Ameerikaa Biraayaan Huuk namoota himataman kanneen keessatti argamu jedhame.

Himatamtoonni kunneen Doolaara biiliyoona 50 akka kaffalatan murteesseera.

Dabalataan himatamtoonni kunneen lammiilee Iraan hunda ifatti dhiifama akka gaafatan murteesseera.

Murtoon kun bakka shakkamtoonni hin argamnetti kan darbe ta’uu Press TVn gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.