Fana: At a Speed of Life!

Invastimantii alaatiin doolaara Ameerikaa Biiliyoona 2.43 galmeessuun danda’ame-Komishinii Invastimantii

Finfinnee, Caamsaa 2, 2014 (FBC) – Invastimantii alaatiin doolaara Ameerikaa Biiliyoona 2.43 galmeessuun danda’amuu Komishiniin Invastimantii beeksiseera.

Komishinarri Komishinii Invastimantii Lalisee Namee ibsa laataniin, baatiwwan salgan darbanitti invastimantii alaatiin doolaara biiliyoona 3.46 galmeessuuf karoorfamee, doolaarri Ameerikaa biiliyoonni 2.43 galmeessuun danda’ameera jedhan.

Raawwiin kun kan bara darbeen wal bira qabamee yoo ilaalamuu, guddina %18.3 agarsiisuu aadde laliseen ibsichaan eeraniiru.

Abbootiin qabeenyaa 203 gara invastimantiitti akka seenaniif karoorfamee, abbootiin qabeenyaa 118 hojiitti bobba’uu himaniiru.
Baatiwwan salgan darbanitti oomishaalee Paarkiiwwan indaastirii ergamanirraa doolaara miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 23 argachuuf karoorfamuun, doolaarri miiliyoonni dhibbi 1 fi miiliyoonni 56.7 argamu TOI gabaaseera.
Kunis kan bara darbeen wal bira qabame yoo ilaalamu, doolaara Ameerikaa miiliyoona 27 caalmaa agarsiisuu Komishinar Laliseen himaniiru.

Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.