Fana: At a Speed of Life!

Invastimantii alaarraa Doolaarri biiliyoona 1.8 ol argame

Finfinnee, Guraandhala 6, 2015 (FBC)- Walakkaa waggaatti invastimantii alaarraa Doolaarri biiliyoona 1.8 ol argamuun ibsame.

Baatiiwwan ja’an darban invastimantii alaarraa Doolaaraa biiliyoona 2.95 argachuuf karoorfame Doolaara biiliyoona 1.8 ol argachuun akka danda’ame eerameera.

Raawwiin karoorichaas kan bara darbeen walbira yoo qabamu %16.3 guddinaa argisiisuu Ministeerrii Pilaanii fi Misoomaa gabaasa raawwii walakkaa waggaa baaseen ibseera.

Gabasni ministreerichaa akka argisiisutti, daldala alaan omishaalee maanufaakchariingiirraa Doolaara miiliyoona 308 ol argachuuf karoorfamee Doolaarri miiliyoona 227 argameera.

Damee albuudaan Doolaara miiliyoona 116 argamuun kan ibsame yoo ta’u, raawwiin kun bara darbee yeroo walfakkaataan yoo walbira qabamu Doolaara miiliyoona 164 hanqina argisiiseera.

Galii argamee kana keessaas oomishi Warqee qoodaa olaanaa qabaachuu ibsameera.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.