Fana: At a Speed of Life!

Invastimantii Alaa Doolaara miiliyoona 500 fi miiliyoona 90 ol hawwachuun akka danda’me ibsame

Finfinnee, Amajjii 19, 2017 (FMC)–Baatiiwwan ja’an darban Abbootii qabeenyaa kaappitaala Doolaara miiliyoona 500 fi miiliyoona 97 galmeessan Zooniiwwan Addaa Diinagdee fi Naannawaa Daldala Bilisaa Dirree Dhawaa seenuu Koorporeeshiniin Misooma Paarkiiwwan Indaastirii Itiyoophiyaa beeksise.

Invastimantiiwwan addaa addaa 80 ol ta’an Zooniiwwan Addaa Diinagdee koorporeeshinichi hogganu keessatti hojjechaa akka jiran Hojii Raawwachiisaan Piromooshinii Invastimantii fi Gabaa Koorporeeshinichaa Obbo Zaman Jundii ibsaniiru.

Invastimantiiwwan kanneen keessaa sheediiwwan bakka oomishaa 14 fi lafti misoome hektaarri 70 ol abbootii qabeenyaaf dabarfamuu kaasaniiru.

Invastimantiiwwan kunneen Zooniiwwan addaa Diinagdee Maqalee, Boolee Lammii, Qilinxoo, Kombolchaa, Jimmaa, Samaraa fi Naannawaa Daldala Bilisaa Dirree Dhawaa keessatti kan hojjetan ta’uu dubbataniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.