Fana: At a Speed of Life!

Invastaroonni Kooriyaa Kaabaa Oromiyaatti damee qonnaarratti bobba’uuf fedhii qabaachuu ibsan

Finfinnee, Amajjii 15, 2016 (FBC)-Invastaroonni Kooriyaa Kaabaa Oromiyaatti invastimantii damee qonnaarratti bobba’uuf fedhii qabaachuu ibsan.

Hoogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuun Abbootii qabeenyaa Kooriyaa Kaabaa hojii invastimantii qonnaarratti bobba’uuf dhufan waliin mari’ataniiru.

Abbootiin qabeenyaa Kooriyaa Kibbaa teekinooloojiiwwan oomisha bunaa, saalixaa fi barbarree qonnaan bultootaaf dhiheessuun, qonnan bultoonnis oomishanii dhiheessanirratti sona dabaluun, gabaa Chaayinaa, Kooriyaa fi Jaappanitti dhiheessuuf karoorfachuu ibsan.

Oromiyaan immoo oomishoota kanneeniif haala mijaawaa waan qabduuf kan filatan ta’uu ibsaniiru.

Obbo Geetuunis haala qilleensaa oomisha bunaa, saalixaa fi barbarreef mijatan qabaachuu fi haalota invastimantiif mijatoo jiranirratti ibsa kennuu ragaan Biiricharraa argame ni mul’isa.

Hoogganaan Biiroo Invastimantii fi Indastirii Oromiyaa Obbo Ahimad Idiriis gama isaaniin invastaroonni hojiiwwan qonnaatti sona dabaluun gabaa biyya alaatti dhiheessuuf naannoon Oromiyaa haala mijaawaa qabachuu ishee fi bakka oomishni itti qindaa’u ta’u dhiheessuun deeggersa barbaachisu hunda kan taasisan ta’uu eeraniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.