Fana: At a Speed of Life!

Inter Maayaamiin tikkeetii tapha jalqabaa Meesii Doolaara kuma 110’n gurgure

Finfinnee, Adoolessa 12, 2015 (FBC)- Liyooneel Meesiin erga ifatti garee Ameerikaa Inter Maayaamiitti makamee, tapha jalqabaa taasisuuf gatiin tikkeetii seensa Istaadiyeemii dabaluun himameera.

Dhaabbata Tikkeettii gurguru tokko wabeeffachuun CNN akka gabaasetti, tapha jalqabaa Kilaba Inter Maayaamii waliin gaggeeffamurratti tapha Meesiin ilaaluuf, tikkeettiin sadarkaa tokkoffaa (VIP) Doolaara Kuma 110’n gurgurameera.

Gatiin gurgurtaan tikeetii seenaa kunis Ameerikaa keessatti Istaadiyeemii seenuuf kaffaltii olaanaa ta’uun galmaa’uun ibsameera.

Fedhii hordoftoonni taphataa urjii lammii Arjantiinaa Liyooneel Meesii Ameerikaa keessatti arguuf qaban kan agarsiisu ta’uunis eerameera.

Tasfaayee Ijjiguutu gabaase

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.