Fana: At a Speed of Life!

Intarpiraayizoonni oomishtoonni oomishaalee bakka bu’anirratti akka hirmaataniif deeggarsa qorannoo irratti hunda’ee barbachisa jedhame

Finfinnee, Amajjii 3, 2015 (FBC)- Intarpiraayizoonni oomishtoonni, oomishaalee biyya keessaa bakka bu’an irratti akka hirmaataniif deeggarsa qorannoo irratti hunda’ee taasisuun akka barbachisu Misoomni Intarpiraayizii Ityoophiyaa beeksise.

Daayrekteerri Intarpiraayizicha Dooktar Allabaachoo Nigusee akka ibsanitti , Intarpiraayizoonni oomishaalee, damee hirmaatan irratti bu’a qabeessa akka ta’aniif deeggarsii fi hordoffiin taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.

Haaluma kanaan ji’oottan 6’n darbanitti, Intarpiraayizoonni haaraan kuma 1 fi 647 akka hunda’an taasifamuu fi intarpiraayizoota duraan hundaa’an kumni 6 fi 819 cimsuun, lammiilee kuma 40 fi 667’f carraa hojii uumuun akka danda’ame ibsameera.

Gama biraan, abboottii qabeenyaa 399 hubannoo barbachisaa akka argatan taasisuu fi haloota mijeessuun Birrii biiliyoona 4.2’n damee omishaarratti akka hirmaatan taasifamuu eerameera.

Sadarkaa biyyaalessaatti, sosochii Ityoophiyaan haa oomishtuun jalqabame kaka’umsa intarpiraayizootaa olaanaa uumuu dubbataniiru.

Sosochii kanaan intarpiraayizoota maayikiroo, xixiqqaa, fi giddugaleessaa hojii dhaabanii turan 572 hojii eegaluu himaniiru.

Keessumaa sosochichi oomishaalaa sharafaa alaan galan oomishaa biyya keessan bakka buusuuf hirmaannaa intarpiraayizootaa caalmaan akka cimu taasifameera jedhan.

Haa ta’u malee, intarpiraayizoonni oomishtootaa, oomisha biyya keessan bakka buusuu irratti akka bobba’aniif hanqinalee akka faayinaansii, galtee, ogummaa, walitti hidhamiinsa gabaa, bakka hojii fi kanneen biroo qabaachuu ibsaniiru.

Rakkoolee jiran furuuf Ministeera Indaasirii, hoggantoota biiroo naannolee fi qooda fudhattoota waliin mariin taasifamuu himanii, intarpiraayizoonni omishaa omishaalee biyya keessaan bakka buusuurratti akka hirmaataniif deeggarsa qorannoo irratti hunda’e taasisuun akka barbaachisu Daayrektarri Olaanoon Intarpiraayizichaa Dooktar Allabaachew Faanaa Biroodkaastingi Koorporeetiif ibsaniiru.

Malaakuu Gaddiftu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.