Fana: At a Speed of Life!

Intarpiraayizichi sanyii filatamaa kuntaala kuma 900 walitti qabuuf hojjechaa jiraachuu ibse

Finfinnee, Onkololeessa 2, 2017 (FBC) – Intarpiraayiziin Sanyii Filatamaa Oromiyaa bara oomishaa 2016/17 sanyii filatamaa kuntaala kuma 900 walitti qabuuf hojjechaa jiraachuu beeksise.

Hanqina sanyii filatamaa mudatu furuuf xiyyeeffannoon hojjetaa jiraachuu ibseera.

Hoggantootni Intarpiraayizii sanyii filatama Oromiyaa hojiiwwaan misooma Intarpirayizii sanyii filatama damee Arsii fi Baaleen hojjetamaa jiran dawwataniru.

Naannoo Oromiyaatti hanqini sanyii filatama akka hin mudanne xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Hojii Gaggeessaa Olaanaan Intarpiraayizii sanyii filatama Oromiyaa Obbo Fuuroo Baqataan eeraniiru.

Bara kanas sanyii akaakuu adda addaa 82 ol omishuun waliin gahinsa sanyii filatamaa dabaluuf hojjetamaa jira jedhan.

Intarpirayiziin sanyii filatama Oromiyaa lafa hektara kuma 32 irratti hojii sanyii baay’isuu hojjechaa jirachuu ibsame.

Hanqinni Sanyii filatamaa qonnan bultoota akka hin mudanne hojjetamaa jirachuu hojii Gaggeessaan sanyii filatama damee Arsii Obbo Ittafaa Fufaan dubbataniru.

Miidhaksaa Qachaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.