Insheetiivii Misooma Avokaadoon milkaa’inni jajjabeessan argame – BQO
Finfinnee, Bitootessa 8, 2017 (FMC) –Naannoo Oromiyaatti Inisheetiivii Misooma Avokaadoon milkaa’inni jajjabbeessan argamuu Biiroon Qonnaa Naannichaa ibseera.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa galmoota qonna naannichaa milkeessuuf inisheetiviiwwan garaagaraa bocuun hojirra oolchaa jira.
Haaluma kanaan Inisheetiviin misooma Avokaadoon waggoottan shanan darban hojiilee hojjetamaniin, bu’aa jajjabeessaan argamuu Hogganaa Itti Aanaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Mahaammadsaanii Amiin Faanaa Diijitaaliif himaaiiru.
Oomisha Avokaadoo sanyii filatamaa bal’inaan dhiyeessuun gabaa biyya keessaa fi alaaf dhiyaachaa jiraachuus dubbbataniiru.
Avokaadoon Godinaalee Jimmaa, Buunnoo Beddellee, Iluu Abbaa Boor, Wallagga Lixaa, Bahaa fi Qellam Wallaggaatti sadarkaa olaanaan oomishamaa jiraachuu himaniiru.
Akkasumas godinaalee Shawaa fi kannnen biroo keessattis oomishamaa jiraachuu ibsaniiru.
Hanga ammaatti oomisha Avokaadoo gabaa biyya alaaf dhiyaateerraa galiin Doolara miiliyoona tokko argamuus eeraniiru.
Jalqabbiin jiru kan jajjabeeffamu ta’uu himuun, bu’aa caalu galmeessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Haaluma walfakkatuun inisheetiivii misooma Muduraa kanneen akka Muuzii, paappayaa fi biroonis hojiileen hedduu hojjetamaa jiraachuu Obbo Mahaammadsaaniin kaasaniiru.
Muuzii sanyii filatamaa qonnaan bultootaaf raabsuun baay’inaa fi qulqullinaan misoomaa jiraachuu kaasaniiru.
Wayita ammaa naannoon Oromiyaa Muuzii gabaa biyya keessaaf bal’inaan dhiyeessaa jiraachuu ibsaniiru.
Tsahaay Gulummaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia