Fana: At a Speed of Life!

Injinar Haabtamuu Tagganyi jila Abbootii qabeenyaa Paakistaan waliin mari’atan

Finfinnee, Caamsaa 21, 2016 (FBC) –Ministirri Ministeera Albuuda Injinar Haabtamuu Tagganyi jila Abbootii Qabeenyaa Paakistaan waliin mari’ataniiru.
Injinar Haabtamuun, damee Albuudaan carrawwaan Invastimantii Itiyoophiyaan qabdurratti jilichaaf ibsa taasiisaniiru.
Jilli Daldalaa fi Invastimantii Paakistaan gama isaaniin Itiyoophiyaan qabeenya kuufamaa Albuudaa waan qabduuf damichan tumsan hojjechu kan barbaadan ta’uu ibsaniiru.
Jillichi Damee Albuudaarratti akka hirmaatuuf waamichi dhiyaachuu ragaan Ministeera Albuudaarra argame ni mul’isa.
Paakistaanitti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Ambaasaaddar Jamaal Bakar gamasaaniin, filannoowwan Invastimantii Itiyoophiyaa jiru hubachuun akkasumas hariiroo biyyoota lameenii gama Daldalaafi Diinaagdeen jiru cimsuuf kan dandeesisu ta’uu himaniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.