Fana: At a Speed of Life!

Injinaar Ayishaan Baankii Investimantii Awrooppaatti Gamtaa Afrikaa fi itti waamamtuu olaantuu Ityoophiyaa waliin mari’atan

\Finfinnee, Qaammee 2, 2013 (FBC)- Ministirri Ministeera Misooma magaalaa fi konistiraakshinii Injiinar Ayishaa Mahaammad Baankii Investimantii Awrooppaatti Gamtaa Afrikaa fi itti waamamtuu olaantuu Ityoophiyaa kan ta’aan Ileenii Kaayruu waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin waggoota itti aanaaniitti misoomaa waaraa magaalootaa mirkaneessuuf proojektootaa karoorfamaan irratti mari’ataniiru.

Injinaar Ayishaan damee magaalootarratti dhimmoota olaanoo adda baasuun proojektoonni karoorfamuun gara hojiitti galuuf qophiin taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.

Itti waamamtuu olaantuun Invastimantii Awrooppaa gama isaaniin, ijaarsa manneen jireenyaa, misoomaa magaariisaa fi sirna kenniinsa magaaloota ammayyeessuuf proojektoota adda baafamanii karoorfamaan faayinaansiin deeggaruuf qophii ta’uusaanii ragaan Ministeera Misooma magaalaa fi konistiraakshiniirra argamee ni muul’dhisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.