Fana: At a Speed of Life!

Injiinar Taakkalaan, Ministira Ministeera Daldalaa Turkii Maahimat Mush waliin mari’atan

Finfinnee, Caamsaa 22, 2014 (FBC) – Ministirri Ministeera Albuudaa Injiinar Taakkalaa Uumaan, Ministira Ministeera Daldalaa Turkii Maahimat Mush waliin dhimmoota hariiroo gama lamee daldalaa Turkii fi Ityoophiyaa, invastimantii fi seektara ijaarsaarratti mari’ataniiru.
Affeerraa Ministirri Ministeera Daladalaa Turkii Maahimat Mush taasisaniin, Ministirri Ministeera Albuudaa Injiinara Taakkalaa Uumaan Turkii, Istaanbul galaniiru.
Injiinar Taakkalaan wayita Buufataa Xiyyaaraa Idil Addunyaa Istaanbuul ga’anitti Turkitti Ergamaan Addaa fi Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Adam Mahaammadiin simataniiru.
Turtii isaaniin, waa’ee qabeenya albuudaa Ityoophiyaa fi dhaabbileen albuudaa Turkii Ityoophiyaatti hojiilee invastimantiirraatti akka bobba’aniif mari’ataniiru.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.