Fana: At a Speed of Life!

Injiinar Taakkalaan hawaasa Ispoortii waliin biqiltuu dhaabaan

Finfinnee,Waxabajjii 10, 2012 (FBC) – Itti aanaa Kaantibaan magaalaa Finfinnee Injiinar Taaakkalaa Uumaan hawaasa Ispoortii waliin biqiltuu dhaaban.
 
Injiinar Taakkalaan kutaa bulchiinsa Boolee naannoo ‘CMC’ jedhamutti Atleetoota, Taphatootta kubbaa miilaa fi leenjiftoota bebbeekkamoo waliin biqiltuu dhaabaniiru.
 
Sagantaan kun weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf hawaasni bakka jirutti biqiltuu akka dhaabu kaka’umsa uumuufi jedhame.
 
Sagantaan dhaabbii ashaaraa magariisaa bara kana Finfinnee miidhaksuun cinaatti wabii nyaataa jiraattootaa mirkaneessuuf sanyiiwwan biqiltuu nyaataaf oolanii ta’uu ibsameera.
 
Magaalaa Finfinneetti bara kana biqiltuu miiliyoona 7 dhaabuuf hojjetamaa jiraachuu ragaan Waajjira Kaantibaa magaalichaarra argame ni muul’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.