Fana: At a Speed of Life!

Injiinar Ayishaan hoggantoota Koorporeeshinii Misooma Indaastirii Paarkiiwwan waliin mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 30, 2013 (FBC) – Ministirri Ministeera Misooma magaalaa fi konistiraakshinii Injiinar Ayishaa Mahaammad hoggantoota Koorporeeshinii Misooma Indaastirii Paarkiiwwan waliin mari’ataniiru.
Dhimmoota dhaabbileen kunneen qindoominaan waliin hojjechuu danda’anirratti mari’achuu ibsameera.
Misooma Indaastirii Paarkiiwwanii waliin walqabatee hojiilee bu’uuraalee misoomaa, ijaarsa manneen jireenyaa, haala magaaloonni Misooma Indaastirii Paarkiiwwanirraa fayyadamuu danda’anii fi galii isaanii guddisuu haala dandeessisurratti waliin mari’achuu ibsameera.
Ministeerri Misooma magaalaa fi konistiraakshinii karoora tarsiimoowaa waggaa 10 dameewwan hundaa qopheessuun gara hojiitti galuuf qophiirra jiraachuu Injiinar Ayishaan eeraniiru.
Keessattuu dhimma manneen jireenyarratti xiyyeeffannoon hojjechuuf karoorfamuu himaniiru.
Mootummaan rakkoo mana jireenyaa itti fufiinsaan furuuf filannoowwaan adda addaa teessisuu eeraniiru.
Hoggantoonni koorporeeshinichaa gama isaaniin Misoomni Indaastirii Paarkiiwwanii bu’aa irraa eegamu akka fidan damee hundaan ministeericha waliin qindoominaan hojjechuu kan barbaadaan ta’uu dubbataniiru.
Dhaabbileen lameen yeroo itti aanu dhimmoota waliin hojjechuu danda’anirratti kallattii kaa’uu ragaan Ministeericharraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.