Fana: At a Speed of Life!

Injifannoon waadaa galle kabajuudha –Muummee Ministiraa Abiy Ahimad

Finfinnee, Qaammee 5, 2013 (FBC) – Injifannoon waadaa galle kabajuudha, waadaaf amanamanii hojjechuu fi jecha qabatamaan agarsiisuu ta’uu Muummee Ministiraa FDRI Abiy Ahimad ibsaniiru.
Waadaa kabajuun yoo jiraate missiraachoon injifannoo jira jedhan Abiy Ahimad.
Waadaa Ityoophiyaaf galle haaroomsuu fi kabajuun, missiraachoo injifannoo ni dhageessifna jedhan.
Mootummaa fi Ummanni waadaan kan jiraatan ta’uu ibsaniiru.
Akka mootummaa fi Ummataatti waadaa galleef amanamaa yoo taane, biyyi nagaa, mijattuu fi badhaatuu taati jedhan.
Hawaasa ‘Kan dubbatan baduurra kan dhalchan baduu wayya’ jedhu keessatti guddanne jechuun ibsan.
Waadaan sirni birmadummaa addunyaa kan itti hundaa’e ta’uu himan.
Namni nama waliin, namni naannoo waliin, naannoon naannoo waliin wal eeguu fi walii galee kan jiraatu waadaan ta’uu Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad ibsaniiru.
Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.