Fana: At a Speed of Life!

Injifannoon imaammata tarsiima’aa fi hoggansa qareessa malee hinmilkaa’u-Pir.Shimallis

Finfinnee, Amajjii 17, 2016 (FBC)- Injifannoon imaammata tarsiima’aa fi hoggansa qareessa malee hinmilkaa’u jedhan Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.

Pirreezidaanti Shimallis gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin, akka sabaatti qabsoof wanti hilame akka hinjirree fi lubbuu kuma kitila mararfannaa malee itti wareeguu yaadachiisan.

Injifannoon imaammata tarsiima’aa fi hoggansa qareessa malee waan hinmilkoofneef, imala qabsoo obsa fixachiisaa galmaan gahuuf jaarraa tokkoo ol fudhachuu eeran.

Dhaloonni ammaa injifannoo waan goonfateef saba abbaa faachaa taasiseera jedhan.

“Qabsoo xombora injifannoo goonfanne tiksuu fi caalmaatti itichuu keessatti ammas ummanni keenya dursa fudhachaa jira” jedhaniiru.

Haa ta’uu malee, akkuma injifannoon argame tarsiimoofi hoggansa malee hinmilkoofne, tiksuufi itichuun, tooftaa walfakkaatu malee fiixa kan hinbaane ta’uu hubachiisuun, hoggansa tarsiima’aa kennuun ciminaan itti fufsiisuu barbaachisaa ta’uu kaasaniiru

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.