Fana: At a Speed of Life!

Injifannoon garee shororkeessaa ABUT irratti galmaa’aa jiru xiinsammuun Ityoophiyummaa injifannoo waliin hidhata qabaachuu muul’isa- hayyoota

Finfinnee, Mudde 1, 2014(FBC)- Injifannoon garee shororkeessaa ABUT irratti galmaa’aa jiru xiinsammuun Ityoophiyummaa injifannoo waliin hidhata qabaachuu kan muul’isu ta’uu hayyoonni ibsan.

Yuunvarsiitii Jimmaatti barsiisaa fi qorataa seenaa kan ta’an gargaaraan Proofeesaraa Tamasgeen Lammeessaa fi Yuunvarsiitii Baahir Daaritti barsiisaa Saayinsii Siyaasaa fi Hariiroo Idil Addunyaa Dooktar Ba’iwuqetuu Diras Faanaa Broodkaastiing Koorporeet waliin turtii taasisaniiru.

Duula guyyoota muraasaan injifannoon garee shororkeessaa ABUT irratti argame agarsiistuu waltumsuu fi tokkummaa uummata Ityoophiyaa ta’uu hayyoonni kunneen kaasaniiru.

Duulichi hanga gareen shororkeessaa yaadama isaa waliin baduttii fi nageenya Ityoophiyaaf yaaddoo ta’uu hin dandeenyetti itti fufu akka qabu  kaasaniiru.

Deeggarsi uummataa fi hojiin naannoo ofii dammaqinaan eeguu cimee itti fufuu akka qabu ibsaniiru.

Diyaaspooraan karaa seera qabeessaan maallaqa akka erguu, karaalee garaagaraan biyya maallaqaan akka deeggaruu fi waltajjiiwwan garaagaraa qopheessuun gocha gara jabinaa garee shororkeessaa ABUT hawaasa idil addunyaatti ibsuu akka itti fufan gaafataniiru.

Lammiileen biyya keessaa Raayyaa Ittisa Biyyaatti makamuu danda’an qaamolee nageenyaa cinaa dhaabbachuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.

Afawarq Alamuutu gabaase

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.