Fana: At a Speed of Life!

Injifannoon Garee Kubbaa Miilaa Ityoophiyaa kennaa bara haaraati -Obbo Isaayyaas Jiraa

Finfinnee, Hagayya 30, 2014 (FBC) – Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaaleessa Ityoophiyaa Waancaa Chaaniif darbuun ummata Ityoophiyaaf kennaa bara haaraati jedhan Pireezedaantiin Federeeshinii Kubbaa Miilaa Ityoophiyaa Obbo Isaayyaas Jiraa.

Garee kubba miila Ityoophiyaa, Ruwaandaa injifaachuun, seenaa keessaatti yeroo 3ffaaf gara dorgommii Chaaniitti kan darbe kilaabni kubba miilaa Ityoophiyaa kaleesaa galgala gara biyyaatti deebi’eera.

Garechi gara biyyaatti wayita deebi’u Pireezidaantii Federeeshinii Kubba Miila Ityoophiyaa, Itti Aanaa Pireezidaantii fi garee hojii rawwachiftuu kubbaa miilaan simaataniiru.

Obbo Isaayyaas jiraa simannicharratti haasawaa taasisaniin “Ummata Ityoophiyaaf kennaa guddaa kennitaniittu” jedhan.

Waggoota sadiin dura garee dorgommichaa irra nuu hambise injifachuun Garee Kubbaa Miilaa Ityoophiyaaf hiikaa olaanaa akka qabu eeranii, dorgommii Chaaniif kan darbe gareen biyyaalessaa Ityoophiyaaf sagantaa badhaasa onnachiistuu akka qophaa’uu fi guyyaan isaas federeeshinichaan murtaa’ee kan ibsamuu ta’a jedhaniiru.

Dorgommii Aljeeriyaa irratti gaggeeffamuuf jirurratti, bu’aa fooyya’aa galmeessuufis gamanumaan qophaa’uun akka barbaachisu himuu ragaan federeshinichaarra argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.