Fana: At a Speed of Life!

Injifannoon Adwaa bu’aa kaayyoo tokkummaati – TKM

Finfinnee, Guraandhala 23, 2016 (FBC) – Injifannoon Adwaa bu’aa kaayyoo tokkummaa ta’uu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksise.

Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa guyyaa Yaadannoo Injifannoo Adwaa waggaa 128ffaa ilaalchisee ibsa kenneera.

Injifannoon Adwaa bu’aa kaayyoo tokkummaa ta’uu ibseera.

Itiyoophiyaan seenaa keessatti kan ormaa barbaachaf weerara gaggeessitee hin beektu.

Yeroo garaagaraatti garuu diinoonni fagoo fi dhihoo Itiyoophiyaarratti irra deddeebiin weerara yaaluu ibseera.

Itiyoophiyaanoonni weerartoota injifachuun birmadummaa isaanii kabachiisuu himeera.

Injifannoon Adwaa injifannoo bilisummaa ummattoota gurraachaa kabachiise injifannoo boonsaa ta’uu himeera.

Weerartoonni Xaaliyaanii Gaarreen Adwaatti du’aniiru, booji’amaniiru, salphataniiru jechuun ibseera.

Injifannoon Adwaa Itiyoophiyaarra darbee ummattoota garbummaa jala turaaniif Mallattoo bilisummaa ta’uu danda’uu himeera.

Injifannoon Adwaa qormaata Itiyoophiyaa mudatu kamuu injifannoon goolabuu akka dandeenyu fakkeenya olaanaa ta’uu ibseera.

Qormaatilee injifannoon xumuruuf seenassa qeenxee cinaatti dhiisuun seenessa waloo qabachuun tokkummaan biyyaaf dhaabachuu kan gaafatu ta’uu eereera.

Qormaatilee mudatan injifannoon xumuruun badhaadhina biyyaa dhugoomsuuf tokkummaa fi cichoomina abbootirraa barachuun barbaachisaa ta’uu ibsa isaan yaadachiiseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.