Fana: At a Speed of Life!

Injifannoon Adwaa agarsiiftuu eenyummaa waloo lammiilee Ityoophiyaa hundaati – Dooktar Hiruut Kaasaaw

Finfinnee, Gurraandhala 3, 2013 (FBC)- Injifannoon Adwaa agarsiiftuu eenyummaa waloo lammiilee Ityoophiyaa hundaati jedhan Ministirri Ministeera Aadaa fi Tuuriizimii Dooktar Hiruut Kaasaaw.
Dookta Hiruut Kaasaaw yaada “duudhaa kuufamaa” jedhuun marii bara 2012 jalqabamee turee fi dhimmoota seenaafi beekumsa biyya keessaarratti xiyyeeffate kan sababa vaayirasii koroonaan adda citee ture jalqabuu ilaalchisun haasawa taasisaniiru.
Marii kanarrattis Injifannoon Adwaa warroota wanjoon gabrummaa mudatef miira ni danda’ama waan itti uwwiseef duudhaa kana haalan beekuufi beeksisuun nurra eegama jechuun hubachisaniiru.
Yeroo Adwaa sabdaneessummaa lammiilee Ityoophiyaarratti diinni garagarummaa uumuuf yaalus lammiileen sabdanessummaan keenya garagarummaa kenyarra tokkummaan walitti nu hidha jechuun Adwaarratti injifataniirus jedhan.
Yeroo ammaa kanas duudhaafi aadaa miidhagaa qabnu diinonni alaa diigu barbaadan waan jiraniif Itoophiyaanummaa Adwaarratti agarsiifne ammas dabaluu qabna jedhan Dooktar Hiruut.
Yaanni “mallattoo Injifannoo Adwaa” jedhuun Waldaan Gootota Ityoophiyaa, Hayyoonni seenaa, Abbootin amantaafi dhimmamtoonni bakka argamanitti mari’atamaa jira.
Fuula feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa yuutyuubii keenyan nu hordofuuf fbc afaan oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.