Fana: At a Speed of Life!

Injifannoo Yuukireen Kaarkoovitti galmeessiste duuba harki Ameerikaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Fulbaana 3, 2015 (FBC) – Waraana Raashiyaafi Yuukireeniin walqabatee injifannoo Yuukireen Kaarkoovitti galmeessiste duuba harki Ameerikaafi deeggartoota ishee jiraachuu ibsame.

Duula Yuukireen haleellaa irra deebii gaggeessuun injifannoo Kaarkoovitti galmeessite irratti Ameerikaafi biyyoonni miseensa NATO deeggarsa taasisuu Seenaatarri Ameerikaa Maark Waarnar CNN’f ibsaniiru.

Keessumaa Ameerikaafi Ingiliz odeeffannoowwan Yuukreen waliin waljijjiiruun injifannoo biyyattiin bakkichatti galmeesisteef qooda olaanaa ba’achuu eeraniiru.

Humnoonni basaastuu Ameerikaafi Ingiliz Yuukreen waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.

Tumsi akka kanaa cimina loltummaa biyyoota kanneenii kan mul’isu ta’uu ibsaniiru.

Ameerikaafi biyyoonni miseena NATO humna waraanaa Yuukreeniif deeggarsa meeshaalee waraanaa guddaa taasisaa turuu ibsaniiru.

Kamisa  darbe Yuukreen tarkaanfii haleellaa irra deebii Kaarkoovitti fudhatte hordofee Raashiyaan loltoota ishee Kaaba Baha Yuukreen keessaa baasuu Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa biyyattii beeksiseera.

Ministeerichi humna waraanaa Dooneesk jiru cimsuuf murticha dabarsuu ibsuun isaa kan yaadatamu ta’uu RTn gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.