Fana: At a Speed of Life!

Injifannoo wareegama qeerroo, qarreefi hoggansa jijjiiramaatiin arganne tokkummaan ni tikfanna! – jiraattota magaalaa Shaggar

Finfinnee, Bitootessa 24, 2015 (FBC) – Hiriirri deeggarsaa injifannoo fi milkaa’ina jijjiiramaan booda argame itti fufsiisuu kaayyeffate Bulchiinsa Magaalaa shaggaritti dhaadannoo gara garaa dhageessisuun gaggeeffamaa jira.

Jiraattoonni Aanaalee Shaggar guyyaa seenaa qabeessa Bitootessa 24 waggaa 5ffaa muudamuu Muummee Ministiraa FDRI Abiy Ahimadiin booda milkaa’inootaafi injifannoo argame sababeeffachuun hiriira deeggarsaa gaggeessaa jiru.

Injifannoo wareegama qeerroo, qarreefi hooggansa jijjiiramaatiin arganne tokkummaadhaan ni tikfanna!Tokkummaa Keessoo Keenyaa Cimsachuudhaan Fedhii Diinota Keessaa fi Alaa Fashaleessina!dhaadannoo jedhuun karaa ho’aafi miidhagina qabuun gaggeessaa jiru.

Haabtaamuu Talkasillaaseetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.