Fana: At a Speed of Life!

Injifannoo seena qabeessa ta’e galmeessifna- Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Beenishaangul Gumuz

Finfinnee, Onkololeessa 25, 2014 (FBC)- Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Beenishaangul Gumuz haala yeroo biyyaa ilaalchisuun ibsa laateera.

Ityoophiyaa humna badiirraa baraaruuf wareegama kamuu kaffaluun injifannoo bara dheeraa ni galmeessifna jechuun ibsameera.

Ityoophiyaan Weerara bara baraan irratti aggaamamu irree jabaa ijoolleesheen qolachaa kabajaa fi tokkummaa ishee eegsisaa turteetti.

Weerartoonni alaa tokkummaa ishee diiguu fi kabaja ishee salphisuuf garee gantootaa faayidaaf bitaman waliin shirkoomuun  yaaliin weeraraa taasisan ijoolleeshee gaafa xiiqiin fashaleessuun Ityoophiyaan seenaa boonsaa galmeessiteetti.

Seenaa injifannoo kanarraa barachuus ta’e gocha gantummaa abbootasaaniirraa deebi’uu kan hin barbaanne har’as taanaan tokkumaa Ityoophiyaa bittimsuu fi kabaja ishee salphisuurraa duubatti kan hin deebine ta’uu eeramera.

Qabsoo uummataan aangoorraa kan arii’ame gareen juuntaa deeggarttoota isaa alaa fi keessaa waliin ta’uun haleellaa inni  lammiilee nagaarratti raawwate kan hin dagatamnee fi seenaan dhiifamni kan hin taasifamneef ta’uu ibsameera.

Gareen shororkeessaa kun waggoottan aangoorra turetti tokkummaa biyyaalessaa fi obbolummaa sabootaarra tooftaa qoqqoodiinsaa fayyadamuun umurii aangoo isaa dheereffachuuf hojjechaa turuu irra darbee lammiilee nagaarratti gochawwan gara jabeenyaa, saamicha qabeenya biyyaa, uummata naannichaa dabalatee lammiilee baay’een qabeenya isaaniirratti mirga fayyadamuu  akka hin arganne taasisaa turuu ibsameera.

Gochi gantummaa gareen shororkeessaa kun gaachana uummataa kan ta’e Miseensota ajaja kaabaa Raayyaa Ittisa Biyyaa duubaan waraanuun eegale itti fufuun naannoo Amaaraa fi Affaar weeraruun lammiilee nagaa baay’ee ajeesuun hedduu qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqisuu fi qabeenya isaanii saamuu eerameera.

Mootummaa fi uummanni naannichaa gocha garee shororkeessaa kana balaaleffachuu fi  garee ergamtoota naannicha keessa socho’u irratti duuluurra darbee gooticha Raayyaa Ittisa Biyyaa cina hiriiruun injifannoo boonsaa galmeessaa jiraachuu ibsameera.

Qabsoo gootichi Raayyaa Ittisa Biyyaa garee shororkeessaa fi ergamtoota isaa balleessuun biyya badiisarraa baraaruuf taasisaa jiru milkaa’inaan akka xumuramuuf hirmaannaa fi deeggarsa taasisan cimanii  kan itti fufan ta’uu ibsichaan eerameera.

Hooggansi naannichaa sadarkaan jiru, jaarsoliin biyyaa, abbootiin amantaa, dargaggoonnii fi dubartoonni ajandaa gareen juuntaa fi ergamtoonni isaa biyya diiguuf qabatan gadi fageenyaan hubachuun naannoo isaanii dammaqinaan akka eegan waamichi taasifameera.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.