Injifannoo Ityoophiyaan galmeessisaa jirtuun diinonni alaa fi keessaa salphachaa jiru- hoggantoota olaanoo naannolee
Finfinnee, Sadaasa 28, 2014 (FBC) – Injifannoo Ityoophiyaan galmeessisaa jirtuun diinonni alaa fi keessaa salphachaa jiraachuu Ittaantonni Preezdaantii naannoo Oromiyaa fi Amaaraa ibsan.
Ittaantonni Preezdaantii naannolee lameenii Faanaa Broodkaastiing Koorporeet “sagantaa waa’ee Ityoophiyaa” jedhurratti tamsaasa kallattiin marii taasisaniiru.
Hoggantoonni kunneen injifannoo argameef gammachuu isaanitti dhagahame ibsaniiru.
Injifannoon argame akka laayyootti kan ilaalamu akka hin taane, wareegama Ityoophiyaanota hundaan kan argame ta’uu Ittaanaan Preezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdii marichaan kaasaniiru.
Gareewwan shororkeessitootaa ABUT fi Shaneen Oromiyaa bakkeewwan garaagaraatti jeequmsa kaasuuf yaalii cimaa taasisuu ibsaniiru.
Karaa Darraa, Gowaatsiyoon fi Ficheen, karaa bahaan Fantaallee, Boosat, Miillee, Shawaa Roobiit, karaa Kibbaan naannoo Maqii, naannoo Kibba Baha Shawaa fi bakkeewwan garaagaraatti gareewwan kunneen jeequmsa guddaa uumuuf yaalii taasisuu eeraniiru.
Yaaliin gareewwan shororkeessitota kanneenii hojii qindaa’aa uummataa fi qaamolee nageenyaa naannichaan fashalaa’uu ibsaniiru.
Hariiroon garee shororkeessitoota kanneenii har’a kan hin eegalle ta’uu fi bara 1983 irraa kaasanii hojii shororkeessummaa waliin hojjechaa turuu yaadachiisaniiru.
Shaneen karaa aadaa fi duudhaa Oromoo dhiituun miidhaalee namoomaa cimaa geessisaa fi nageenya naannichaa jeeqaa jiraachuu ibsaniiru.
Uummannii fi qaamoleen nageenyaa garicha haleelaa waan jiraniif yeroo dhiyootti ni dhumataaf jedhaniiru.
Ittaanaan Preezdaantii naannoo Amaaraa Dooktar Geetaachoo Jambar gamasaaniin, injifannoo argametti gamaduu ibsuun, gammachuun isaanii guutuu kan ta’u yeroo garichi guutummaa guutuutti barbadaa’u ta’uu kaasaniiru.
Naannoo Amaaraa bakkeewwan garee shororkeessaan ABUT weeraree qabateetti namoonni miiliyoona 2 fi kuma dhibba 1 ol qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’uu ibsaniiru.
Lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’an deebisanii dhaabuu fi gara jireenya isaanii idileetti deebisuuf mootummaan naannichaa fi Federaalaa qindoominaan akka hojjetan ibsaniiru.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.