Fana: At a Speed of Life!

Injifannoo Adwaa waliigaltee biyyaalessaa fi ijarsa Raayyaa Ittisa Biyyaaf itti ifayyadamna-Jeneraal Ababawu Taaddasaa

Finfinnee, Guraandhala 18, 2015 (FBC)- Injifannoo Adwaa waliigaltee biyyaalessaa fi ijarsa Raayyaa Ittisa Biyyaaf itti fayyadamna jechuun Itti Aanaan Itaamaajoor Shumii Waliigalaa Raayyaa Ittisaa Biyyaa Jeneraal Ababawu Taaddasaan dubbatan.

Daayrektoreetiin Quunnamtii Ummataa Raayyaa Ittisaa Biyyaa yaadannoo 127ffaa Injifannoo Adwaa ilaalchisuun ogeeyyii fi hoggantoota miidiyaalee waliin mari’ateera.

Waltajji marichaarratti Jeneraal Ababaawu ergaa dabarsaniin, Raayyaan Ittisaa Biyyaa itti gaaftamaan guyyaa yaadannoo Injifannoo Adwaa sadarkaa isaa haala gituun akka kabajamu qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin qophii taasisaa jiraachuu ibsaniiru.

Injifannoon Adwaa, ummattoonni Ityoophiyaa tokkummaan humna weerartu qaroome waraanuun kan injifate ta’uu himanii, tooftaa waraanaa, sirna hariiroo fi tooftaa hoggansa waraanaa abbootii darbaniirraa barachuu qabna jedhaniiru.

Injifannoon Adwaa fakkeenyaa tokkummaa waan ta’eef waliigaltee biyyaalessaaf, ijaarsa raayyaa fi tuuriizimiif itti fayyadamuun maqaa gaarii keenyaa ijaaruu qabna jedhan.

Ityoophiyaarraa darbees mallattoo Afriikaa fi ummatootaa gurraachaa kan ta’ee seenaa injifannoo Adwaa sadarkaa isaaf maluun gabaasuun dhalootatti dabarsuun dhaabbilee fi ogeeyyii miidiyaa hundarraa kan eegamu ta’uu ibsaniiru.

Daayrektarri Quunnamtii Ummataa Raayyaa Ittisa Biyyaa Koloneel Geetinnat Adaanee gama isaaniin injifannoo Adwaa milkaa’inaan akka kabajamu dhaabbilee fi ogeeyyii miidiyaa waliin qindoominaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu himaniiru.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.