Fana: At a Speed of Life!

Injifannichi maqaa gaarii Ityoophiyaan injifattuu ta’uu kan argisiiseedha- Pireezidaanti Saahilawarqi Zawudee

Finfinnee, Adoolessa 21, 2014 (FBC) – Injifannoon Atileetonni Ityoophiyaa Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 18ffarratti argisiisan Ityoophiyaan kan ittiin beekamtu maqaa gaarii ijifattuu ta’uu kan argisiiseedha jedhan Pireezidaantiin FDRI Saahilawarqi Zawudee.

Sirni simannaa fi beekkamtii garee Atileetotaa Ityoophiyaaf Masaraa Mootummaa Biyyaalessaatti gaggeeffameera.

Sagantaa kanarrattis Pireezidaantiin Saahilawarqi Zawudee ergaa dabarsaniin, inifannoon atilettootaa Ityoophiyaaf ifaa dukkanaa keessati jedhan.

Dorgommicharratti xiiqiin gaaraa sochoosuu akka danda’uu kan argisiisan atileetonni Ityoophiyaa ‘anii haa dursu yookaan ani haa injifadhuu’ jechuu caalaa gamtaadhaan hojjechuun isaanii fakkeenyaa olaanaa ta’uu ibsaniiru.

Ityoophiyaanonni hundi bagaa gammaddaan jechuun hawwii qaban kan ibsan Pirezidaanti Saahilawarqi, addunyaarratti meedaaliyaawwan 10 argamsiisuun injifannoon argame Ityoophiyaan kan ittiin beekamtuu maqaa gaarii ijifattuu ta’uu kan argisiise ta’uu dubbataniiru.

Injifannichi kan kabajnu qofaa utuu hintaanee injifannoo barumsi irraa argamuu ta’uu hianiiru.

Injifannichis wareera keessaa kan nu dammaqsuu ta’uu ibsan.

Biyyattiin haala rakkisaa keessa taatus atileetotaaf badhaasa kan kennite ta’us gahaa akka hintaanee ibsaniiru.

Pireezidaanti Saahilawarqi, “Atileetonni keenyaa nu hinqaanessine” jechuun injiafannoo argameef gumaacha Pirezidaantii Federeeshinii Atileetiksii Ityoophiyaa Komaandar Atileet Darartuu Tulluu guddaa galateeffataniiru.

Fuuldurattis Ityoophiyaanonni dameewwan ispoortii garaagaraatiin hiriiruu akka qaban dhaamaniiru.

Atileetota dorgommichaarratti hirmaachuun injifannichi akka galmaa’uuf gumaachan hundaaf badhaasnis kennameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.