Fana: At a Speed of Life!

Inistityuutichi hojii madaalli gahumsa ogummaa mirkanneessuu irratti qooda fudhattoota waliin mari’ate

Finfinnee, Muddee 19, 2014 (FBC)- Inistityuutiin bulchiinsa Konistiraakshinii, hojii  madaalli gahumsa ogummaa mirkanneessuu irratti qooda fudhattoota waliin mari’ateera.

Mul’ata bara 2022tti sadarkaa Afrikaatti proojektii bulchiinsa konstiraakshinii fi dandeettii ijaarsaan dorgommaa ta’u jedhu qabatee socho’a kan jiru instityuutichi, dandeetti ogummaa cimsachuuf hojjecha jira.

Instiituyitiin Bulchiinsa Konistraakshinii hojii ijaarsa proojektii irratti gahe guddaa bahachaa, lammiileen gama damee konistiraakshiini kanaan cimsaa, akkasumas hojii teeknoolojiin deeggaramen hojjachu irratti argama jedhame.

Damee konisraakshinii kana cimsuuf ammoo gahumsi ogummaa barbaachisa tahu irraa darbee dirqama instituuyiti kanati.

Ministirri Ministeera Magaalaa fi Misooma Buu’uraa aadde Caaltuu Saanii, indaastiriin konistraakshiinii damee jajjabaa hojii jijjirama dhala namaati  jedhaniiru.

Damee konsitraakshiinii kannati immoo hudhaa kan tahe gahumsi ogummaa waan mataa qarati jedhan. Kun immoo hundee irraa furamu baannaan jijjirama ariifachisaa fiduun hin danda’amu jedhan.

Kanaaf gahumsa ogummaa irratti xiyyeefanne hojjachuun dirqama taha jedhaniru.

Gahumsa madaalli ogummaa kana cimsuuf sertifikeetiin deeggaramus akka qabu himan.

Qorannoo barbaachisummaa madaalli gahumsa ogumma kan dhiyeessan Dursa Garee Qorannoo goorsistootaa Dooktar Salamoon Saritse, hojii konistiraakshini keessatti jalqabbi milkaa’ina gahumsa ogummaa ogeessaati; kana akkamitti gahomsa jirraan gaaffii hundii keenya deebisu qabnu jedhan.

Ogeessi tokko barate muuxannoo horate dandeettiin goonfate madaalame gahumsi isaa mirkanna’e gaafa jedhe sartifikeetti argachuun waan beekkamti isaa kana sirritti cimsuu himan.

Hirmaattoonni mariichas  rakkoo hundaa kenyaa waan tahef rakkoo kana keessa bahuf kutannoon kahu qabna jedhuun dubbachuu isaanii OBN gabaaseera.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.