Inistitiyuutiin Saayinsii Ispeesii fi Teeknoolojii, teeknooloojiiwwan misoomse 4 ifoomse
Finfinnee, Bitootessa 29, 2014 (FBC) – Inistitiyuutiin Saayinsii Ispeesii fi Teeknooloojii, teeknooloojiiwwan misoomse 4 ifoomseera.
Inistitiyuutiin Saayinsii Ispeesii fi Teeknooloojii, teeknoolojiiwwan misoomsees Piriintara 3D, Pilaanti Weeti(teeknooloojii lafarra taa’e qaama samii kamirratiyyuu ulfaatina beekuuf kan dandeessisuu), teeleeskooppii Riifraaktara abbaa miliimeetira 70 fi Teeleeskooppii abbaa milii meetira 200 waluumatti teeknoolojiiwwan afur ifoomseera.
Daayreektarri Olaanaan Inistitiyuutii Saayinsii Ispeesii fi Teeknooloojii obbo Abdiisaa Yilmaa, Abbaan Taayitaa Qabeenya Kalaqaa Ityoophiyaa, teeknoolojiiwwan inistitiyuutichi misoomseef beekamti abbummaa kennuusaa himaniiru.
Ogeeyyoonni dhaaabbilee fi ejansiiwwan saayinsii fi teeknoolojii naannolee hundaa fi bulchiinsa magaalootaa, teeknoolojiiwwan kanneen akka misoomsaniif leenjiin isaan dandeesiisuu akka fudhatan gochuus himaniiru.
Akka biyyaatti sadarkaa guddaa irra gahuu fi karoora qabamee milkeessuuf dargaggoota teeknoolojiin gahoomsuun ni barbaachisaa jedhameera.
Kanaafis bu’aawwan teeknooloojii inistitiyuutichaan misooman bal’inaan dhiheessuun dargaggoota bu’aa qabeessa taasisuu akka barbaachisuus himameera.
Maddi:-TOI
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.