Inistiraakter Daani’eel Gabramaariyaam leenjisaa yeroo Waaliyaawwanii ta’uun muudaman
Finfinnee, Caamsaa 7, 2015 (FBC) – Inistiraakter Daani’eel Gabramaariyaam leenjisaa yeroo garee Biyyaalessa Ityoophiyaa ta’uun muudaman Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Ityoophiyaa beeksise.
Daayrektara Teeknikaa ta’uun tajaajilaa kan jiran Inistiraakter Daani’eel Gabramaariyaam leenjisaa yeroo garichaa ta’uun mudamuu isaanii ibsameera.
Leenjisaa Kilaba magaalaa Bahir Daar kan turan Dagi’aarege Yigizaawu ammoo itti aanaa leenjisaa garee Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Ityoophiyaa ta’uun muudamuu ragaan Federeeshinii Kubbaa Miilaa Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.