Fana: At a Speed of Life!

Inistiityuutiin Odeeffannoo Ji’ospaashaalii xiyyaaraan odeeffannoo waliigalaa sassaabuufi

Finifnnee, Fulbaana 30, 2013 (FBC) –Inistiityuutiin Odeeffannoo Ji’ospaashaalii Humna Qilleensaa Ityoophiyaa waliin ta’uun odeeffannoowwan waliigalaa biyyattii sassaabuuf waliigalteera ga’uu ibsame.
Qajeelchi Humna Qilleensa Ityoophiyaas inistiityuuticha waliin ta’uun waliigaltee tajaajila balaliinsa xiyyaaraa jalqabasiisuu dandeessisu raawwachuu beeksiseera.
 
Waliigalteen kunis misoomaa fi guddina waliigalaa biyyattii mirkaneessuuf, akkasumas tattaaffii dhiyeessaa fi tamsaasa odeeffannoo babal’isuuf taasifamuuf gumaacha olaanaa qaba jedhame.
Naannolee hunda keessatti dhiyeessaa fi tamsaasa odeeffannoo waliigalaa babal’isuun murteessaa ta’uu Daaryeektarri olaanaan Inistiityuutii Odeeffannoo Ji’ospaashaalii Itoophiyaa Dooktar Tulluu Bashaa ibsaniiru.
 
Xiyyaaraan deggaramuun odeeffannoowwan bu’uraa biyyattii sassaabuuf haala qindaa’aa ta’een hojjetamaa jiraachuus eeraniiru.
 
Keessattuu kutaalee biyyattii uwwisa odeeffannoo ga’aa hinqabne waliin ga’uuf ciminaan ni hojjetama jedhan.
 
Waliigaltee taasifameenis humna qilleensaa biyyattii waliin ta’uun yeroo gabaabaa keessatti xiyyaarota ammayyaa’aa lamaan odeeffannoowwan waliigalaa kan sassaabamu ta’uu ibsameera.
 
Misooma hawaasummaa fi diinagdee Ityoophiyaa guddisuun fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuuf odeeffannoo waliigalaa sassaabuun hojii ijoo ta’uu Ajajaa olaanaan humna qilleensaa FDRI Meejar Jeneraal Yilmaa Mardaasaa dubbataniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.