Fana: At a Speed of Life!

Inistiityuutichi waggaan Talaallii Beelladootaa Doozii miiliyoona 300 oomishaa jiraachuu ibse

Finfinnee, Waxabajjii 22, 2016 (FBC) –Inistiityuutiin Eegumsa Fayyaa Beelladoota Biyyaalessaa waggaan Talaallii Beelladootaa Doozii miiliyoona 300 oomishaa jiraachuu ibse

Inistiityuutichi hundeeffamasaa waggaa 60ffaa bakka hoggantoonnii fi qaamoleen gara garaa argamanitti magaalaa Bishooftuutiitti kabajaa jira.

Yeroo ammaa Talaallii 23 dhibeewwaan beelladaa Baakteeriya fi Vaayirasiin dhufan ittisuu danda’u oomishaa jiraachuu Daayrektarri Olaanaan Inistiityuutichaa Dooktar Taakkalaa Abbayinahiin ibsaniiru.

Waggaan Talaallii Beelladootaa Doozii miiliyoona 300 oomishaa Qonnaan bultootaaf raabsaa jiraachuu dubbataniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.