Inistiitiyuutiin Toonii Bileer deeggarsa ce’umsa diijitaalaa Iyoophiyaaf taasisu kan itti fufu ta’uu ibse
Finfinnee, Bitootessa 16, 2015(FBC)- Inistiitiyuutiin Toonii Bileer hojiirra oolmaa ce’umsa diijitaalaa Iyoophiyaaf deeggarsa taasisu kan itti fufu ta’uu ibseera.
Ministirri Ministeera Innooveeshiniifi Teekinooloojii Dooktar Ballaxaa Mollaan Dura Taa’aa Inistiyuutichaa Toonii Bileer waliin mari’ataniiru.
Mariinsaanii tumsa dhaabbilee lameeniifi dhimmoota gara fuuladuraatti waliin hojjetan irratti kan xiyyeeffate ta’uu ragaan Ministeera Innooveeshiniifi Teekinooloojiirraa argame ni mul’isa.
Inistiitiyuutichi ce’umsa diijitaalaa Ityoophiyaaf deeggarsa teekinikaa dabalatee deeggarsa garaagaraa taasisaa turuu eerameera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.