Fana: At a Speed of Life!

Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Ispoortii Daraartuu Tulluu Birrii biiliyoona 1.5’n ijaarame eebbifame

Finfinnee, Adoolessa 11, 2016 (FBC)-Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Ispoortii Daraartu Tulluu Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Sulultaatti Birrii biiliyoona 1.5’n ijaarame eebbifameera.

Sirna eebbichaarratti Afyaa’ii Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurraahmaan, Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa, Pireezidaantii Federeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa Gargartuu Komishinara Daraartuu Tulluu fi hooggantoonni olaanoo biroon argamaniiru.

Inistiitiyuutichi lafa hektaara 19 irratti kan ijaarame, gamoowwan tajaajilaa gargararaaf oolan 40 ol kan qabuu fi leenjitoota 800 ol yeroo tokkotti leenjisuu kan danda’uudha jedhameera.

Giddugalichi gosoota Ispoortii 16’n leenjii kenna jedhame.

Dajanuu Gonfaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.