Fana: At a Speed of Life!

Inistiitiyuutichi Poolisota Tajaajilaa Poolisii Hawaasaan Leenjisaa ture 990 eebbisiise

Finfinnee, Amajjii 25, 2016 (FBC)- Inistiitiyuutiin Leenjii Ogummaa Poolisii Sanqallee, miseensota poolisii tajaajila poolisii hawaasaa leenjisaa ture 990 eebbisiise.

Sirna eebbichaarrattii Koomishinarri Jeneraalaa Koomishinii Poolisii Oromiyaa Jeneraal Dirribaa Mokonnon dabalatee qondaaltonni biroon argamaniiru.

Daayreektarri Inistiitiyuutii Leenjii Ogummaa Poolisii Komaandar Taarikuu Sooressaa eebbifamtoonni barumsa naamusa poolisii, heera mootummaa fi leenjii qoor qalbii kennamuufii himaniiru.

Eebbifamtootni beekumsa argataniin hawaasa isaanii haqaan tajaajiluu akka qaban dhaamaniiru.

Daareektarri Olaanaan Kolleejii Poolisii Oromiyaa Komishinaara Ittaanaa Tolchaa Magarsaa rakkoo nageenyaa Naannoo Oromiyaa furuuf tajaajilli poolisii hawaasaa gahee olaanaa waan qabuuf, eebbifamtootni hubannoo hawaasaa cimsuu, hawaasni nageenya naannawaa isaa akka eeggatu gochuuf xiyyeeffannaan hojjechuu akka qaban dhaaman.

Itti Aanaa Komishinaara fi Itti Gafatamaan Qajeelcha Muummee Ittisaa Yakkaa Komishinii Poolisii Oromiyaa Komishinaara Ittaanaa Darajjee Baay’isaa, lammii ofii fi biyya tajaajiluun kabaja waan ta’eef imaanaa kenname amanamummaan hojjechuu akka qaban akeekan.

Miseensotni poolisii eebbifaman kunneenis akkaataa leenjii argataniin hawaasa isaanii tajaajiluuf qophii ta’uu dubbachu ragaan Koomishinii Poolisii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.