Fana: At a Speed of Life!

Inisheetiviin misoomaa Chaayinaa galmoota misoomaa hojiirra oolchuuf murteessaadha-Obbo Dammaqaa Mokonniin

Finfinnee, Fulbaana 11, 2015 (FBC) – Itti Aanaa Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonniin, galmoota misoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii hojiirra oolchuuf walta’iinsii fi tumsi dhimmoota murteessaa ta’uu dubbatan.

Obbo Dammaqaan, Niwuyoorkitti kan gaggeeffamaa jiru yaa’ii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 77ffaa gaggeeffamaa jiru cinaatti walga’ii Ministiroota Inisheetivii Misoomaa Idil Addunyaarratti hirmaataniiru.

Wayitaa walga’ichaattis, hiyyummaa dhabamsiisuu fi galmoota misooma waaraa milkeessuuf Pireezidaantii Chaayinaa Shii Jiinpiingiin kan wixineeffame inishiyeetivii misoomaa idil addunyaa karoorfame dinqisiifataniiru.

Weerara vaayirasii koroonaa, muddama siyaasaa naannawaa fi kufaatiin gabaa boba’aa fi nyaataa, gama inishiyeetivichan walta’iinsi murteessaa ta’uu mul’iseera jedhan.

Dabalataan, rakkoolee idil addunyaatti mudataa jiran qajeeltoo damee hedduu keessatti haalaa haqa qabeessa fi hirmaachisaa ta’een barbaachisummaan walta’iinsaa argisiistuu ta’uu ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.