Fana: At a Speed of Life!

Inisheetiviin Maaddii guutuu kallatti karoorfameen hojiirra oolaa jira- Obbo Tamasgeen Xirunaa

Finfinnee, Sadaasa 9, 2017 (FBC)- Inisheetiviin Maaddii guutuu kallatti karoorfameen hojiirra oolaa jiraachuu Itti Aanaan Ministira Muummee Obbo Tamsageen xirunaan ibsan.

Obbo Tamasgeen Xirunaan gama Miidiyaa hawaasummaa isaaniin, hojiin gama oomisha nyaataa fi wabii nyaataa madaalawaa mirkaneessuutiin jalqabame kan jajjabeeffaman ta’uu himaniiru.

Obbo Tamasgeen magaalaa Dabra Birhaanitti Giddugalli oomisha lukkuu fi hanqaaquu Dabra Hoolandi galmoota akka biyyaatti qabame milkeessuuf kan gargaaraniidha jedhan.

Giddugalichi guyyaatti hanqaaquu kuma 90 ol oomishaa kan jiruu yoo ta’u gabaaf oomisha gahaa akka dhiyeessuuf kan deeggaruu ta’uu kaasaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.