Fana: At a Speed of Life!

Inisheetiviin ‘Belt and Road’ hiyyummaa hir’isuuf gumaacha taasiise – Chaayinaa

Finfinnee, Onkololeessa 6, 2016 (FBC) – Inisheetiviin idil addunyaa Chaayinaa‘Belt and Road’ hiyyummaa addunyaa hir’isuuf tattaaffii taasiifamuuf gumaacha taasiisuu Ministeerri Dhimma Alaa Chaayinaa beeksiise.

Inisheetiviin ‘Belt and Road’ sagantaa hiyyuumaa hir’suurratti gumaacha olaanaa taasiisuu dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Chaayinaa Maa’oo Niing ibsaniiru.

Inisheetiiviin waggaa 10 dura ifoome kun hiyyummaa hir’isuuf dursa laachuun karaa tumsa idil addunyaa hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Waggoottaan kurnan darban keessa Doolaara Ameerikaa Tiriiliyoona 1 ol gumaachuu fi daandii bal’isuun lammiileen miiliyoona 40 sodaa hiyyummaa keessaa baasuu isaa Zyiniwaan gabaaseera.

Dabalataan Indaastiriiwwan Invastimantii sagantichaan hammatamanii fi Piroojketoonni bu’uuraalee misoomaa sadarkaa idil addunyaatti lammiilee hedduuf carraa hojii uumuu ibsa isaaniin kaasaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo:https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.